Ahmed Jamal

Ahmed Jamal

Share

Itimudi

29/07/2026

Obboleessa Kee Yoo Miidhees Yoo Miidhamees Gargaari
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

• Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Hadiisa Isaanii Qulqulluu keessatti akkana ja’an. “ Obboleessa Kee yoo miidhees yoo miidhamees Gargaari”.

• Yeroo kana sahaaboota keessaa Namni tokko Akkana jechuun Rasuula gaafate. “ Yaa Rasuula Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam, Nama miidhame akka itti gargaaran ni beeynaa, garuu kan Nama miidhu hoo akkamitti gargaarra”.

• Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Ammaas Akkana jechuun deebisaniif “ Nama Nama miidhu akka inni Nama hin miine Harka isaa qabda ykn ni dhoorkita, akka inni Nama hin miine dhoorkuun sun isa gargaaruu ja’amti”.

Kanaaf Yaa obboleeyyan Islaamaa Hadiisa kanarraa wanti Nuti barannu kan miidhameefii kan Nama miidhuus gargaaruu akka dandeenyu. Maaltu na galche ja’anii Nama miidhamaa jiruu fii kan miidhuus laalanii bira dabruun hin taatu.

Hanga Dandeenyetti

• Nama Nagaya Buusu Haa Taanu
• Kan walitti Nama araarsu haa taanu
• Nama lola qabbaneessu haa taanu
• Kan Nama Miidhamee fii Miidheefiis Tumsu haa taanu

Rabbiin Warra Sababa isaaniitiin nageeyni buhu Nu Haa Taasisu.

Yaa Rabbii Keenya Warra Nagaya booreessu irraa nun taasisin.

Barreeffama kana dubbisaatii share Waliif Godhaa. Jzkl

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhuga

29/07/2026
29/07/2026

Si hatu an hatu

29/07/2026

Beautiful scenery 💐

29/07/2026

Mooti mootowwaani kedir mertu

04/02/2024

BAATII RAMADAANAATIIF GUYYAA 35 QOFAATU HAFE !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
By: Dr. Ibsaa Dhugaa

Warri Qadaan Soomana Bara Dabree irra jirtu osoo soomanni baranaa isinitti hin seenne soomanaa liqii Rabbii ifirraa kafalaa.

Keessaafuu haadhoowwanii fii shamarran keenya warri Sababa addaa addaatiin soomanni dabre qadaa isinitti tahe akkasumaas dargaggootaa fii abboottiin teenya warri dhukkubsattanii ykn sababa imaltuutiin soomana dabre qadaa qabdan hundinuu dafaa soomanaa liqii Rabbii ifirraa kafalaa.

Yaa Rabbi warra achi gahee soomanu nu taasisi.

https://www.instagram.com/ibsaashyusuf/

Category

Telephone

Website

Address


Harara
Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ahmed Jamal posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Shashemene.