Agartuu Bilisummaa

Agartuu Bilisummaa

Share

OB

03/07/2026

❌️ Gola

28/06/2026

Hayyuu guddaa qabu qeequun jechuun uummatichuum qeequudha.

16/06/2026

Imimmaan Gammachuu Irraa Hanga Hordoftoota Miiliyoonaan argachuutti.

Biyyi odolaa xiqqoon gara dhiha Afrikaatti argamtuu fi seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaaf waancaa Addunyaa irratti hirmaachuuf carraa argatte Keep Vaardeen, baay'inni ummata ishee kuma 500 qofa ta'us, shaampiyoonaa Awurooppaa Ispeen waliin qixa ba'uu dandeessetti.

Tapha kana irratti shaampiyoonaan Awurooppaa Ispeen, yoo xiqqaate goolii 3 fi isaa ol galchuu kan dandeessu ta'us, gooli-eegaan ganna 40 Voozinhaan, karra Keep Vaardee sirriitti eeguun taphattoota sarara fuulduraa Ispeeniif mataa dhukkubbii guddaa ta'uun dabarseera.

Gooli-eegaan Keep Vaardee Voozinhaan kubbaawwan gara karra isaatti rukutaman fi goolii ta'uu danda'an 7 erga qolee booda, goolii male (Clean Sheet)'n ba'uun, seenaa waancaa addunyaa keessatti taphataa umurii 40tti kana godhe jalqabaa ta'eera.

Gooli-eegaan kun tapha kana irratti dandeettii addaa agarsiisuun biyya isaaf seenaa haaraa hojjechuun goota biyyoolessaa ta'uu danda'eera. Kana malees, taphni kun osoo hin jalqabamin dura Instagram irraa hordoftoota kuma shantama (50K) qofa kan qabu yoo ta'u, ga'umsa addaa kanaan booda daqiiqaawwan muraasa keessatti hordoftoota miiliyoona 1.6 ol argachuu danda'eera.

. Biyya ofi kabachiisuuf falaman dhala nama dhugaa tokkoyyuu gahadha waan jedhe fakkata. Yoo tokkummaafi hamileen jiraate 500k iyyuu biyyaadha.

14/06/2026

Alii Ahimad taphataa Oromoo jalqabaa tapha waancaa addunyaa irratti hirmaate ta'ee galmaa'e.

Taphataan Garee Biyyaalessa Kaanaadaa dhalataa Oromoo ta'e Alii Ahmad kaleessa Kaanaadaaf hiriiree taphatee jira.

Taphataa lammii Biraazil Peelee fakkeenya taasifatee kubbaa kan jalqabe Alii Ahmad waancaa Addunyaa bara 2026 irratti Kaanaadaaf hiriiree taphataa jira.

Waxabajjii 10 bara 2000 maatii hidda dhaloota Oromoo irraa Kaanaadatti kan dhalate Alii Ahmad, kilaba Toronto Oromia jedhamu keessatti taphataa kan guddate yemmuu ta'u, OSFNA keessatti kilaba isaa bakka bu'uun yeroo dheeraaf taphataa ture.

Aliin OSFNA booda kilaba Kaanaadaa Vancouver Whitecaps jedhamu MLS keessa taphachaa ture. Achi booda Amajjii bara 2026 gara Awurooppaa ce'uun garee Shaampiyoonship keessa taphatu Norwich Siitiif mallatteessee taphataa jira.

Alii Ahmad tapha waancaa addunyaa Kaanaadaan Boosniyaa HeerIgoviniyaa waliin taphatan irratti Kaanaadaaf hiriiree taphatee jira.

Kanaadaa fj Boosniyaan tapha kanaan 1 fi 1 qixa bahan.

Alii Ahmad taphicha irratti hiriiruun taphataa Oromoo seenaa keessatti tapha waancaa addunyaa irratti hirmaate ta'uun maqaan isaa galmaa'ee jira.

14/06/2026

Gadaan Muudanaa nama waggoota saddeettan dhufuuf Tuulama gaggeessu raggaasifate.

Haaluma kanaan Geetuu Taliila Odaa waggoota Saddeetiif Gadaa Tuulamaa gaggeessuuf Alangee fudhaniiru.

Gadaan Tuulamaa Dhaka Koratti sirna alangee dabarsuu guyyootaaf raawwataa ture.

14/04/2026

stop group all Oromiyaa. No more.

Photos from Oromia Media Network's post 23/11/2025
14/11/2025

Category

Telephone

Address


Asosa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Agartuu Bilisummaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Asosa.