Gaara Qaawaa peges

Gaara Qaawaa peges

Share

Photos from Gaara Qaawaa Media's post 26/09/2026
12/09/2026

xumuramaa jira

09/09/2026

Dahoo gootaa

09/09/2026

🎉 BAGA BARA HAARAA 2019 NAGAAYAAN GEESSAN!

Gaara Qaawaa Media – Sagalee Hawaasa Baldhaa irraa, uummata keenya kabajamaa hundaaf baga bara haaraa 2019 geessan jechuun hawwii fi ergaa keenya isiniif dabarsina.Bara haaraan kun bara nageenyaa, jaalala, tokkummaa, badhaadhinaa, fayyaa fi milkaa’inaa isiniif haa ta’u. Maatiiwwan, ollaa fi hawaasni keenya garaagarummaa keenya kabajnee, wal deeggarree fi waliin jireenya keenya cimsinee bara haaraa haa simannu.

📢 Ergaa Gaara Qaawaa Media
Gaara Qaawaa Media akka sagalee hawaasa baldaatti, bara haaraa kana keessattis:
Odeeffannoo sirrii, amanamaa fi yeroo isaa eeggate uummataaf dabarsuuf;
Dhimmoota hawaasaa irratti hubannoo uumuu fi rakkoolee hawaasaa ifa gochuuf;
Nageenya, tokkummaa fi waliin jireenya hawaasaa cimsuuf;

Sagalee uummataa dhageessisuu fi qaamolee dhimmi ilaallatu biraan ga’uuf;Hojiiwwan mootummaa fi hawaasaa uummataaf ifa taasisuuf;Dargaggoota, dubartoota fi qaamolee hawaasaa gara garaa deeggaruuf;Aadaa, duudhaa, seenaa fi eenyummaa naannoo keenyaa kunuunsuuf;itti gaafatamummaa fi amanamummaan hojii keenya itti fufsiifna.

Uummanni keenya odeeffannoo sirrii argachuu mirga qaba; Gaara Qaawaa Media immoo sagalee uummataa ta’uun itti gaafatamummaa isaati.

🌿 2019 — Bara Nageenyaa, Tokkummaa fi Milkaa’inaa Haa Ta’u!
Baga Bara Haaraa 2019
Nagaayaan Geessan!
Gaara Qaawaa Media
“Sagalee Hawaasa Baldhaa”

08/09/2026
05/09/2026

Rabbiin Nurraa haa jijjiiru

05/09/2026

Shek abdulhakiim Nama baale keessaa badhaasa garaa garaatiin beekamu umriin amaana

04/09/2026

Telephone

Address

Siyaasaa
Robe
79945991