Oromiyan Biyya.

Oromiyan Biyya.

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromiyan Biyya., Health/Beauty, oromia, .

26/04/2026

dhiira keenya kolaaste
Kan dhiiga keenya lolaaste
Kan rarraastee nu garafte
Kan haqa keenya sharafte
Sin eebbisu sin abaara
Daalachaahi akka daaraa
~
Saba nagaa goolessitee
Kan taliila booressite
Nu tuffachuurra darbitee
Mirga keenya kan sarbite
Baqii cophi akka cabbii
Sittaa jigu tulluuf tabbi
~
Gochaan jirre lafaa fuutee
Qeerroof qarree morma huutee
Kan gogaa irraa quncaaste
Kan qeensa irraa buqqaaste
Affeelami akka shuummoo
Aadaa hafi akka huummoo
~
Mana hiyyeessa meeqaa gubdee
Bara dheeraa kan nu hubde
Lafaa jalatti nu hiitee
Afaan qawween kan nu miite
Sihaa nyaatu dhibeen golfaa
Ta'ii hafi nama kolfaa
~
Saba bal'aa yartuu gootee
Akka waatii kan nu hoote
Diineffattee qeerroof qarree
Kan dhidhiitte akka harree
Galaanni sihaa liqimsu
Dacheetti sihaa dhidhimsu
~
Fira jettee nutti lixxee
Dhalataa keenya kan fixxe
Shira xaxxee nutti dirtee
Kutaaf lagaan kan nu hirte
Mataan lixi bishaan boollaa
Boo'ichakee sirbaa oolla

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromiyan Biyya. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.