Sina Grand Hospital
Grand Hospital
21/08/2026
Dhukkuboonni vaayirasii HIV da’oo godhachuudhaan lubbuu namaa galaafatan maal fa’i?
HIV/AIDs’n dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa miidhuun dhukkuboonni biroo akka salphaatti lubbuu galaafataniif haala mijeessa.
Dhukkuboota dadhabuu madiinummaa qaamaa irratti hirkachuun lubbuu galaafatan keessaa hangafoonni:
◇ Dhukkuba Daranyoo Sombaa (Tiibii) (Tuberculosis)
◇Infekshinii sombaa biroobkan fungasii "Pneumocystis jirovecii" jedhamuun nama qabu fi baakteeriyoota biroon dhufan.
◇Infekshinoota sammuu (keessumaa kan jarmoota Cryptococcus fi Toxoplasma gondii jedhamaniin dhufu)
◇Kaanseroota HIV/AIDS waliin walqabatan kan akka NHL fi KS
◇Dhukkuboota Garaa Kaasan (Teessisaa):.
Qoricha vaayirasii HIV dafanii eegaluun maaliif nama fayyadaa?
Qorichi dhibee HIV/AIDs vaayirasichi akka hin baay’anne/wal hin horre taasisuun nama vaayirasii kanaan qabame umurii yeroo dheeraa jiraachisa.
Qoricha battalumatti yoo eegalan dhukkuboota armaan olitti kaasne ittisuun ni danda’ama.
Namni yeroodhaan dafee qoratamee of baree qoricha kana fudhachuu eegale, dhukkuboota kanaan osoo hin qabamiin yeroo dheeraa (umurii guutuu illee ta'uu mala) jiraata.
Qoricha HIV/AIDS addaan kutuun maal namarraan ga’aa?
Qoricha kana addaan kutuun dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama namaa hedduu waan gadi buusuuf dhibeewwan armaan olii kanaaf akka malee nama saaxila.
Dabalataan vaayirasiin HIV qoricha waliin akka walbaru taasisuu danda’a.
Walumaa galatti:
◇Namni kamuu qoratamee vayirasii HIV kana qabaachuu fi qabachuu dhiisuu isaa ykn ishee of beekuun hanagafa waan hundaati.
◇Namni vaayirasiin HIV qaama isaa kekessatti argame, osoo mallattoon kamuu hin mul’atiin qoricha vaayirasichaa battalumatti eegaluun hedduu hedduu murteessaa fi dirqama dha.
◇Qoricha addaan kutuun miidhaa hedduu kan qaqqabsiisu dha.
Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa
14/08/2026
10/08/2026
📢🔥 BEEKSISA QAXARII 🔥📢
🏥 HOSPITAALA SIINAA GIRAAND
Hospitaalli Siinaa Giraand tajaajila fayyaa si’ataa fi qulqullina qabu daran cimsuuf, hoggantootaafi ogeeyyii muuxannoo hojii qaban dargoomsisee qacaruu barbaada.
💼 GITA HOJII
🔹 Gaggeessaa Hojii(Operational Manager) — 1
🔹 Daarekteera Faayinaansii — 1
🔹 Daarekteera Farmaasii — 1
🔹 Ogeessa Narsii Level IV — 2
📅 GUYYAA GALMEE
Hagayya 4–11
📍 AKKAATAA GALMEE
Namoonni ulaagaa barbaachisaa guuttan qaamaan dhufuun ykn bilbila dhaabbatichaa fayyadamuun galmaa’uu dandeessu.
📍 Teessoon:
Magaalaa Harar, Shawaabar, Baankii Daashiin bira.
━━━━━━━━━━━━━━━
✨ Carraa hojii gaarii — amma galmaa’aa! ✨
19/07/2026
19/07/2026
Hospitaalli Siinaa Giraandi bakka Hoggantoonni Biiroo fayyaa Naannoo Harari argamanitti saganta tola ooltummaa fayyaa Gannaa kan bara kanaa ifaan eegale.
04/07/2026
KELOYIDII/ KELOID
🔍 KELOID jechuun maal jechuudha?
Keloid jechuun yeroo gogaan keenya miidhame (madaa, baqaqsanii yaaluu, gurra urachuu, finniisa cimaa fi kkf) booda qaamni keenya kollaajiinii baay’ee oomishuun madaa ol ka’ee, jabaatee fi daangaa madaa jalqabaa darbee guddatuudha.
Eenyutu Keloyidiif saaxilama?
✅ Namoota gogaan isaanii gurraacha ta’e
✅ Dargaggoota umurii 10–30 keessatti
✅ Namoota maatii isaanii keessatti keloid qabu
✅ Bakka gogaan wal harkisu (tension) qabu irratti
Bakkeewwan baay’inaan itti mul’atu
📍 Gurra (Earlobe)
📍 Qoma fi laphee dura
📍 Morma duubaa
📍 Gateettii (Shoulder)
📍 Dugda gubbaa
📍 Harka fi miila
Mallattoolee
🔹 Madaan ol ka’ee mul’ata
🔹 Halluu diimaa ykn gurraacha qabaachuu danda’a
🔹 Hooqsisuu (itching) qabaata
🔹 Dhukkubbii ykn gubaa fiduu danda’a
🔹 Daangaa madaa darbee guddata
🔹 Yaalii booda deebi’ee mul’achuu danda’a
YAALA
💉 Qoricha Steroidii diruu (Intralesional Corticosteroids)
🩹 Silicone Gel ykn Silicone Sheet
❄️ Yaala Cryotherapy
🔦 Yaala leezarii(laser therapy)
🔪 Of eeggannoonBaqaqsanii yaalu (Surgical Excision), Garuu yaalii biraa waliin yoo hin taasifamne deebi’ee guddachuu danda’a.
Akkamitti Ittisna?
✅ Madaa qulqullinaan eeguu
✅ Gurra ykn qaama biraa of eeggannoo malee uruu irraa of qusachuu
✅ Namoota maatiin isaanii keloid qabu keessatti baqaqsanii yaaluu barbaachisaa hin taane irraa of qusachuu
📚 Wabii
1. Fitzpatrick's Dermatology, 9th Edition
2. Bologna Dermatology, 4th Edition
3. Dermatologic Surgery: Principles and Practice
👨⚕️Dr. Megarsa Ahmed (MD, Dermatovenereologist)
Galatoomaa!
04/07/2026
DHUKKUBA INFULEENZAA (INFLUENZA)
👉Dhukkubni Infuleenzaa/Filuu/Vaayireesidhaan kan dhufu infekshinii/ujummoo hafuuraa, funyaan, qoonqoofi somba kan miidhuudha.
👉Dhukkubni kun daa'imman, dubartoota ulfaa, maanguddootafi namoota dhukkuba qancaraa qaban irratti daran hammaata.
👉Dhukkubni kun yeroo namni dhukkubsataan qufa'u, haxxiffatufi dubbatu akkaasumas wantoota vaayireesichaan faalame tuttuquun kan daddarbudha.
📌Mallattoolee mul'atan
✓Ho'inni qaamaa ol ka'uu
✓Qoonqoofi mataa dhukkubuu
✓Qufaa
✓Dadhabbii qaamaa
✓Qorrisiisuu
✓Funyaan ukkaamsuufi dhangala'aan bahuu
📌Malaoota Ittisaa dhukkubichaa
✓Daa'imman talaalchisuu (Influenza vaccine)
✓Yeroo qufaanuufi haxxiffannuu afaaniifi funyaan haguuguu
✓Maaskii afaaniifi funyaanii fayyadamuu
✓Harka ofii bishaaniifi saamunaan dhiquu
✓Dhangala'aa sirriitti fudhachuu
✓Nama dhukkubsate yeroo deeggarsa yaalii akka argatu taasisuu
✓Qoricha ogeessa fayyaatiin ajajame haalaan fudhachuu
Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa
29/06/2026
Congratulations, Dr. Nesib Shekha, on becoming a General Surgery Specialist! 🎉🩺👏
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Address
Harar