Dr. Amir Fathi

Dr. Amir Fathi

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr. Amir Fathi, Health/Beauty, Harar.

02/08/2025

Shaggee kutaa 2

Gareen Shaggee baayyee itti aaran. Mana isaanii baalaan marfame keessa dhabbatani tarsiimoo Shaggee itti bilisoomsan baafatu.

Hattoota keessaa inni tokko”Afran keenya kallatii adda addaan gara poolisotaatti fiigna, yeroo kana isaan nu qabuuf gargar bittinaa”u,yeroo adda adda bitina”an Ati" jedhee gurbaa shannaffaatti quba qabaa," deemtee shaggee tuqxa-achii hundi keenya mana keenyatti deebina” jedhe.
Akkuma jedhan godhan, Shaggee bilisa baasanus, deebite qabamte; gartu ishee keessaa ijoolleen sadii ishee bilisa baasuuf jecha qabaman; amma gartuu shaggee keessaa nama lama qofatu hafe. Xiqqoo booda isaanis ni qabaman.

Hundu Shaggeetti iyyuu jalqaban”Ati maal akka qocaa tiratta...maal akkas daftee akka nama baayyee fiigee afuura baafatta…Lammee lammataa sii wajjin hin taphannu..."

Haadha uummataan ijoolleen Shaggeen gamanaa gamasi akkas yeroo jedhanin aarani ijoollee lolani bakka ta”aa turanitti deebi”an. Shaggeen aarte taphaa keessaa baatee. miila Haadha uummataa jala deemtee teesse.

Haadha ummataan Shaggee mataa qaqqabaa”bareeddu, ijoollee sii arsee mitii, dhiis amma anatu hunda isaanii gurra mursiisa" ittin jedhan.

Shaggeen yeroo mataa qaqqabatamtu,bo”uu jalqabde"

"Maal taate bareeddu koo” jedhani Haadha uummataan ofitti qabani sossobuu jalqaban.

Itti fuufa fuula FB kana hordofa
https://www.facebook.com/profile.php?id=61578635969917

31/07/2025

Shaggee 1

Mooraan dhaabbata guddisa daa”immani Haadha Uummataa waca ijoollee taphattuun guutameera. Ijoolleen gartuu lamaan walqoodanii, hattuu fi poolisii jedhani- warri poolisii warra hattuu jala fiigu. Baala mummurani, booca geengoo haala uumuun walitti marsanii ka”ani, mana ijaarratu.

Warri poolisii hattoota jala fiigani, yoo qabatan mana hidhaatti galchu. Hattootni hin hidhamne,warra hidhame harka yoo tuqan-warri hidhame ni bilisoomu. Kanaaf hattootni warri hin hidhamne,warraa hidhame tuqee bilisoomsuuf gara mana hidhaa poolisootaan marfamee jiruutti fiigu- yoo carraan toleef, poolisota giddu lo”ani darbani, hiriyoota isaani bilisa baasu.Yoo qabaman garuu ni hidhamu.

Poolisootni miseensota gartu hattuu qabani yeroo fixan olii gad utaalu. Gammachuudhaan dhichiisaa sirbu.Waan hattoota hunda hidhaniif osoo hin ta”in, amma dabareen hattuu ta”u kan isaaniti.

Haadha uummataa kanatu hin galuuf. Tapha kan keessatti maaliif ijoolleen gartuu hattuu ta”ani taphachu jaallatu. Maaf garee hattuu yeroo seenan akkas gammadu kan jedhu hibboo itti ta”a .”Ajaa”iba ijoollee bara kanaa” jedhu, ijoollee isaani gartu hattuu waan seenaaniif oliif gad gammachuun u u taalan ilaalaa.

Ijoolleen yeroo gartuun adda walbaasan Shaggeen akka gartuusaani seentu hin barbaadan. Yoo garee hattuu seente, fiigde poolisii jalaa miliquu hin dandeessu.Yoo poolisii taate fiigdee hattuu qabuu hin dandeessu.

Maaltu akkas shaggee dadhabduu gochaa dhufe kan jedhu namni hubate hin jiru. Duraan akkas hin turre,akka simbirroo barrifti, akka kuruphee ximbiriirti... hattuu yoo taate kan poolisootaaf hin qabamne, yoo poolisii taate immoo inspektara hattuu ximbiriirtee qabattu turte. Yeroosana hundu garee Shaggeen jirtu seenuu hawwa ture.

Ijoolleen barbaadu baatanis, Shaggee garee hattuu seente. Poolisiin yeroo itti dhihaata dhufu, jalaa dheessuuf fiigicha dur gaafa nagaa fiigdu fiiga jettee xiqqoo akkuma tarkaanfatteen dadhabdee, afuura baafachuu jalqabde...daddaftee hafuura baafatti..ha.ha..ha..ha...

poolisiin salphaatti qabamte mana hidhaa galte. Mana hidhaa baalaan marfame gidduu teessee,afuura aritiin ofitti gaggabaabsitee harkisuu jalqabde.

Gartuun Shaggee baayyee itti aaran. Mana isaanii baalaan marfame keessa dhaabbatani tarsiimoo, Shaggee itti bilisoomsan baafachuu jalqaban.

Itti fuufa. Fuula FB kan hordofa:

26/07/2025

5. Tooftaa karoora maatii gadameessa keessa ka'amu. Tooftaan karoora maatii kun gargaarsa ogeessaan kan gadameessa keessa ka'amu yoo ta'u, hanga waggaa kudha lamaaf ulfa ittisuu danda'a. Osoo waggaa kudha lamaa hin guutiin, dubartiin tokko yoo ulfa ta'uu barbaadde, yeroo kamittuu ogeessaan baasiftee ulfa ta'uu ni dandeessi.

Tooftaaleen armaan olitti ibsaman yeroo murtaa'eef qofa kan ulfa ittisanii fi yeroo barbaachisa ta'etti tooftaalee kana addaan kutuun ulfa ta'uun ni danda'ama. Garuu tooftaan karoora maatii gonkuma akka ijoollee hin godhanne taasisus ni jira. Tooftaa kana fayyadamuun dura akka kanaan booda ijoollee horachuu hin barbaadne qixa sirriin itti yaaduun murtii boodatti deebi'u hin dandeenye murteeffachuun barbaachisaadha.

Toftaan kunis ujummoo sanyii dhiiraa yookiin immoo killee dhalaa dabarsu hidhuu yoo ta'u kunis kan ogeeysaan rawwatamudha.

Walumaagalatti haadhaa fi abbaan manaa tokko gara dhaabbata fayyaa dhihoo jiru deemuun mala karoora maatii barbaadan filachuun akka fayyadaman ni gorfama.

26/07/2025

Karoora maatii(Family planning)

Karoora maatii jechuun mala jireeenya ammayyaa haadha manaa fi abbaan manaa tokko baayyinaa fi yeroo ijoollee waliin horachuuf itti barbaadan akkasumas garaagarummaa umrii ijoollee isaani gidduu jiru ittiin murteeffataniidha.

Tajaajilli karoora maatii fayyaa daa'immanii fi haadhoolee foyyeessuufi dhukkubaa fi du'a ittisuuf, ulfa hin barbaadamne ittisuun ulfaa baasisuu mudatu hambisuu akkasumas jireenya foyya'aa jiraachuu kan dandeessisudha. Dabalataanis dubartoonni hojii misoomaa irratti hirmaannaa guutuu akka qabaatan gargaara.

Gosoota karoora maatii.

1) Harma hoosisuu:- Tooftaa kana akka mala karoora maatiitti fayyadamuun ni danda'ama.Garuu ulaagaleen armaan gadii dirqama guutamuu qabu.
A) Umriin daa'imaa baatii 6 gad tahuu qaba.
B)Daa'imni nyaata dabalaataa tokkoolle fudhachu hin qabu( harma qofa luguu qaba)
C) Laguun haadhaa deebi'uu hin qabu.

2) Koondoomii:- Tooftaan kun sirnaan yoo faayidaa irra oole ulfaa hin barbaadamne ittisuu irratti dabalataan dhukkubboota walqunnamtii saalaan daddarbanis ni ittisa. Haa ta'u malee dandettiin ulfa ittisuu kun tooftaalee karoora maatii kan biroo wajjin yeroo walbira qabamee ilaalamu xiqqaadha. Akkasumas yeroo hunda osoo hin irraanfatin fayyadamuun rakkisaa ta'uu mala; yeroo fayyadamaniis hayyama fi tumsa abbaa manaa/ haadha manaa/ jaalallee barbaada. Dabalataanis dhaabbiidhaan yeroo hunda fayyadamuuf gatiin isaa qaalii ta'uu danda'a.
3) Kiniina liqimfamu
Gosti karoora maatii kun kiniina hormoonii istroojiinii fi projeestroonii jedhamu kan qabu yoo ta'u kiniina hormooni kana lachuu qabu(COC)*fi kan projestrooni qofa qabu(mini pili) jedhamee bakka lamatti qoodama.
Faayidaalee kiniina kanaa.
* Dandeettiin ulfa ittisuuf qaban olaanaadha.
**Yeroo ulfa ta'uun barbaadametti kiniina kana liqimsuu dhaabuun dafani ulfa ta'uun ni danda'ama.
** Ulfa ittisuu irratti dabalataan kaansarii ovaarii fi gadameessaa ittisu danda'u.
** Akkasumas dhukkubbii marsaa laguu wajjiin walqabatan yaaluuf ni fayyada
Hanqinoota toofta kanaa

* Guyyaa guyyaatti waan liqimfamuuf akkaataa gorsa ogeessaa fayyaa irraa kennamuun liqimsuu dhabuun mudachuu mala.
* dhukkuboota walqunnamtii saalaan daddarban kan akka HIV hin ittisu.
* Rakkoolee akka ulfaatina dabaluu, lollojii, haqisuu,lafti shir namatti jechuu, finnisa namatti fidu danda'u.

Hubachiisa.
Gosoota kiniinaa armaan olitti ibsaman lama keessaa kiniina hormoonii lachuu qabu, dubartiin deesse fi harma hoosiisaa jirtu tokko hanga baatii 6tti fudhachuu hin qabdu. Yoo harma hin hoosiftu ta'e immoo hanga torban 6 darbutti fudhachuu hin qabdu.

3) lilmee waraanamu. Tooftaan karoora maatii kun ji'a sadii sadiin gara dhaabbata fayyaa deemuun kan fudhatamu yoo ta'u ji'a sadiif haala amansiisaa ta'een ulfa ittisuu danda'a.

4.Tooftaa karoora maatii gogaa irree jalatti ka'amu. Tooftaan kun ulfa hin barbaadamne hanga waggaa 3 ittisuu danda'a. ulfa ta'uu yeroo barbaadametti baasisuun ulfa ta'uun ni danda'ama.

5. Tooftaa karoora maatii gadameessa keessa ka'amu. Tooftaan karoora maatii kun gargaarsa ogeessaan kan gadameessa keessa ka'amu yoo ta'u, hanga waggaa kudha lamaaf ulfa ittisuu danda'a. Osoo waggaa kudha lamaa hin guutiin, dubartiin tokko yoo ulfa ta'uu barbaadde, yeroo kamittuu ogeessaan baasiftee ulfa ta'uu ni dandeessi.

Tooftaaleen armaan olitti ibsaman yeroo murtaa'eef qofa kan ulfa ittisanii fi yeroo barbaachisa ta'etti tooftaalee kana addaan kutuun ulfa ta'uun ni danda'ama. Garuu tooftaan karoora maatii gonkuma akka ijoollee hin godhanne taasisus ni jira. Tooftaa kana fayyadamuun dura akka kanaan booda ijoollee horachuu hin barbaadne qixa sirriin itti yaaduun murtii boodatti deebi'u hin dandeenye murteeffachuun barbaachisaadha.

Toftaan kunis ujummoo sanyii dhiiraa yookiin immoo killee dhalaa dabarsu hidhuu yoo ta'u kunis kan ogeeysaan rawwatamudha.

Walumaagalatti haadhaa fi abbaan manaa tokko gara dhaabbata fayyaa dhihoo jiru deemuun mala karoora maatii barbaadan filachuun akka fayyadaman ni gorfama

Hanqinoota toofta kanaa

* Guyyaa guyyaatti waan liqimfamuuf akkaataa gorsa ogeessaa fayyaa irraa kennamuun liqimsuu dhabuun mudachuu mala.
* dhukkuboota walqunnamtii saalaan daddarban kan akka HIV hin ittisu.
* Rakkoolee akka ulfaatina dabaluu, lollojii, haqisuu,lafti shir namatti jechuu, finnisa namatti fidu danda'u.

Hubachiisa.
Gosoota kiniinaa armaan olitti ibsaman lama keessaa kiniina hormoonii lachuu qabu, dubartiin deesse fi harma hoosiisaa jirtu tokko hanga baatii 6tti fudhachuu hin qabdu. Yoo harma hin hoosiftu ta'e immoo hanga torban 6 darbutti fudhachuu hin qabdu.

3) lilmee waraanamu. Tooftaan karoora maatii kun ji'a sadii sadiin gara dhaabbata fayyaa deemuun kan fudhatamu yoo ta'u ji'a sadiif haala amansiisaa ta'een ulfa ittisuu danda'a.

4.Tooftaa karoora maatii gogaa irree jalatti ka'amu. Tooftaan kun ulfa hin barbaadamne hanga waggaa 3 ittisuu danda'a. ulfa ta'uu yeroo barbaadametti baasisuun ulfa ta'uun ni danda'ama.

ITTIFUUFA

22/07/2025

Faaxee(Asoosam)

Doctor Addunyaan ganamaan cireef paastii nyaachaa yaadaan gara ijoollummaa isaatti deebi'e. Sirriitti yaadata oolmaa daa'immanii yeroo baratu, barsiistuun isaanii "Ijoolle, maal ta'uu barbaaddu' jettee yeroo gaafattu hunduu wacaa 'Ana' 'Ana' jechaa harka baasu. Irraa caalaan 'Doktara' tahuun barbaada jedhani hawwii fulduraa himatu ture. Garuu carraan jireenyaa isa qofaaf loogii gooteen(Loogii moo shira) isa qofa ture kan guddatee hakiima ta'e.

Gaafa ijoollummaa kan inni yaade Hakiima ta'uun nama fayyisaa gammaadaa jiraachuu qofa osoo hin ta'iin diina isaa fi maatii isaa irratti dararaa meeqa geessise-Hiyyummaa- injifachuuf ture-kan inni guyyaa fi halkan osoo hin jedhin barumsa isaa irratti jabaatee cichaa ture. Haala hawwaa turee fi haala irra jiru walbira qabee ija qalbiin osoo ilaaluu paastii cireef bitate dagate.

'Maal doktar, yaadaan badde' jedhaniin maamilli isaa hogguu ciree biraa nyaatu, aadde Biiftuun.

Yaada keessaa bahee sa'atii harkaa qabu ilaale. Lamaaf shan hirruudha. Yaadaan osoo of waxaluu edaa sa'aan hojii ga'eera.

Paastii isaa qabatee baajaajii gara kilinikaa deemtutti utaalee seene.
'Maal humaa hin dhugduu' jedhan Aaddee Biiftuun.
Paastii isaa cuffachaa baajaajii keessaa morma baasee 'Sa'atii natti ga'e, nan jajjara' jedheen.

**** ***** ***** **** *****
Yeroo kilinika ga'u, sa'atiin lamaa fi daqiiqa sadiidha. Kutaa inni hojjatu dura, dhukkubsatoonni shan ta'anii jiru. Doktar Addunyaan daqiiqaa sadii orraafachuu isaaf ofitti gaddee, warra isa eegaa jiru dhiifama gaafatee gara kutaa hojii isaatti seene.

Dhukkubsatoonni dabaree dabareedhaan seenuu jalqaban. Dhukkubsattuu lammaffaa erga yaalee booda, Kan sadaffaa haa seentu jedhe.
Narsiin 'Faaxee kadir' jette.
Faaxeen mucaa dugdatti baattee ol seente.
Doktar Addunyaan ' taa'i ' jedheen.
Gad teesse, mucaa dugdarraa kaaftee, sarbaa isheerra teessifte.
Addunyaan mallattoo gurracha maddii ishee gama lachuun jiru ilaale. Fuula haadha isaa yaadate.
Kan haadha isaa qofa osoo hin ta'in-haadha hiriyoota isaa hunda yaadate. Qallina isee ilaale. Garaa nyaatteen.

'maal taatee dhufte, mucaa dhukkubee' jedhe.
'Lakkii, ofumaafi jette'
'tole'
'Xuriin natti hafe ' jetteen.
'Mucaan kee baatii meeqa'
'Ji'a sagal'
' Erga deessee booda, marsaan laguu kee deebi'eeraa'
'Eyyeen, yeroo lama dhufee ture, amma erga hafee ji'a lama'
' Ijoollee giddutti garaagarummaan umrii lama akka jiraatu gorfama'
"Anis hin barbaadu ture"
"Yoo akkas ta'ee maaliif karoora maatii hin fayyadamtu ture?"
"Harma hoosiisaa waanin tureef, ulfa hin ta'u jedheen dhiise, amma ulfa tahuu koo yoo mirkanaa'e baasuun barbaada'
Doktar Addunyaan yaadaan sokke.
***** ****** ******* ****** *****
Harma hoosisuun ulfa ni dhorka kan jette sirriidha. Garuu ulaagaaleen sadii yoo guutaman qofa kan Harma hoosisuun ulfa dhorku. Ulaagaaleen kunis
1) Daa'imni harma qofa kan hodhu tahuu qaba.
2)Umriin daa'iimaa ji'a 6 gad tahuu qaba.
3) laguun haadhaa deebi'uu hin qabu.

Haatii hoosiftu tokko, marsaan laguu ishee yoo deebi'e, dirqama karoora maatii fayyadamu qabdi malee harma hoosisuu qofaaf hin ulfaa'u jechuu hin qabdu. Baatii jahaaf mucaaf kan gorfamu aannan harma qofa fayyadamudha. Kun fayyaa mucaaf gaarii yoo ta'u ulfa ittisuufis ni gargaara. Ulaagaleen armaan olii sadan keessaa tokko yoo hanqate, carraan ulfa ta'uu jira.
**** ****** ****** *****
Yaada keessaa ba'ee Doktar Addunyaan
'waa'ee ulfa baasuuf baasuu dhabuu dubbachuu dura, mee ulfa ta'uu kee haa mirkaneeffannu' jedhee waraqaa qorannoo irrattii 'Urine Hcg' jedhee katabe.
Doktar Addunyaan hogguu dhukkubsatoota isa bira dhufaniif qorannaa qaamaa waliigalaa godha. 'Namni keenya mana yaalaa hin dhufu, Kanaafuu carraa argameen qorannaa qaamaa waliigalaa gochuu qabna' jedha.
Qorannaa godheen Faaxeen rakkoo hanqina dhiigaa qabaachuu malti jedhee shakkeera. Kanaaf qorannaa CBC jedhuus itti dabalee kenneef.
**** ***** ****** ****** **********
Qorannoo kanaaf, Faaxeen mucaa baattee, namoota laabraatoorii dura dhaabbatanitti makamte.
'Asi mitii' jettee gaggaafatte.
'Jalqaba kutaa sana deemii maallaqa kafali kottuu asitti hiriira qabadhu' jedhanin.

Jechoota 'kafali' booda dubbataman Faaxeen hin dhageenye. Humaa harkaa hin qabdu. Inuman karadha jettee gara kutaa kafaltiitti tiratte.

Waraqaa qorannoo gurbaa mana kafalatti keessa taa'ee jirutti hiixatte. Harkaa fuudhee ilaale. 'Inshuraansii qabdaa' jedheen.
'Hin qabu'
Yoo akkas ta'e ni kafalta jechuudha jedhee lakkoofsa maallaqaa itti hime. Nan karadha jettee yaaddus, garuu amma ni sodaatte. Cal jettee biraa deemte.

Namoota walitti qabani laabraatoorii dura dhaabbatanitti makamte. Asiif achi isaan keessa lootee, ogeessa laabraatoorii bira geesse. Waraqaa qorannoo itti kennite.
Ogeessi laabraatoorii waraqaa yeroo ilaalu chaappaa kafaltii mirkaneessu hin qabu.
'Jalqaba achi deemi kafali' jedheen.
"Kafaluu hin danda'u", jettee "Maaloo rakkattuudha na gargaari" jetteen.

Ogeessi laabraatoorii ofiifuu harka qalleessa,

Category

Website

Address

Harar