Rational post
Always rational
18/12/2024
21/09/2024
Ifaajjeedhaan wabii nyaataa ni mirkanaa'a!
Kutannoo mootummaan jijjiramaa biyya keenya Itoophiyaa eeggattuummaa jalaa baasuuf fudhachaa jiruun oomishtummaa dachaan dabaluun danda'ameera. Qamaadiin kunoo akka cirrachaa lagaatti hammaraamuutti jira. Icciitiin oomishaaf oomishtummaa dabaluu kunis kutannoo bulchiinsi ilma Abbaa Gadaa gadadoo beelaa biyya keenyarra ture kaasuuf fudhachaa jiruuf akeektuu guddaadha. Tattaaffii damee qonnaa ammayyeessuu, wal_geettii dhiyeessii galteewwan qonnaa babal'isuu fudhatameen dhimma wabii nyaataa mirkaneessuu boqonnaa haaraatti ceesisuun danda'ameera.
19/09/2024
“Galmi Waloo", dhimmoota bu'uuraa Ida’amuu keessaa isa tokko dha!
******************
Ida’amuun garaagarummaarra darbee kaayyoo fi fedhii waloo galmaan gahuu filata. Dhimmoota hunda keessatti galma waloo bu’ura taasifachuu, waliin hojjechuu fi qindoominaan socho’uun murteessaadha jedhee amana.
Injifannoon Adwaa kan dhugoome garaagarummaa keessoo keenya ture irra kan darbinre galma waloo waan qabannee fi sanaafis hiriirrefii dha. Galmi waloo injifannoo waloo nama goonfachiisa.
17/09/2024
Fulbaana 7/2017 Dhaabbanni ( BIHA/ Babile International Humanitarian Association) jedhamu waajjira Gurmaayinsa ummataa waliin ta'uun Bakka Itti Anaa Bulchaa Godina Harargee Bahaa Obbo Ayyaalow Taakkalaa , Itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Godina Harargee Bahaa Obbo Habtaamuu Tasfaayee,Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Baabbilee Obbo Ahmad Najjaash Abdurahmaanii fi Itti Gaafatamtuun Waajjira Paartii Badhaadhina Bulchiinsa Magaalaa Baabbilee Aadde Maliikaa Mahammad akksumaas hundeessitoota dhaabbatichaa fi Abbootiin Amantaa argamanitti Barattoota maatii harka qalleeyyiif 300 deeggarsa dabtara fi qalamaa taasisee jira.
16/09/2024
👉 Waliin ta'uun,
👉 Waliin hojjachuun,
👉 Waliif Galuun
👉 Yaada walii beekuun,
Karaalee ittiin guddinni mul'atu keessaa isaan guddaa dha.
14/09/2024
Magaalaa Urjii Baha Oromiyaa
Magaalaa Baabbilee
Magaalaan Baabbilee magaalaa miidhagduu fi bareedduu Baha Oromiyaati. Magaalaa jiddugala daldalaa fi Tuuriizimii yoo taatu magaalaa miidhagduu Teessuma lafaa fi haala qilleensa badda daree qabachuun magaalattii filatamtuu taasisaa jira. Magaalaan Baabbilee bu'uuraalee misoomaa daandii qaxxaamura biyyaa Magaalaa Finfinnee hanga Magaalaa Jijjiigaa irratti argamti.akkasumaas Ifaa, Bishaan fi Teeleetiin tajaajila 4G qabachuun adda qabaachuun daandii guddina saffisaan milkaa'ina gubbatti argamti. Magaalaa Baabbilee Magaalaa Guddattuu sadarkaa Godina Hoogganamtu taatus kallattii Tarree Magaalota Gurguddoo Oromiyaa cinaa hiriiruuf mullata godhachuun hojjatamaa jira. Abbootiin qabeenyaan Magaalaa teenya misoomsuu investment gochuu barbaaddan hundaaf isin simachuuf karri keenya bana jedha Bulchiinsa Magaalaa Baabbilee.
13/09/2024
Biyyaalessummaan lammiilee hundaaf carraa wal qixa kan kennuudha!!
Biyyaalessummaan walqixxummaa, bilisummaa fi waloominni akkasumas hariiroo fi walitti hidhamiinsi kaleessaa, har’aa fi boruu keenyaa akka kan cimu kan taasisudha.
Eenyummaan kun ykn sun addatti deggersa argachuu qaba kan hin jennee fi afaanota Itoophiyaa hunda dabalatee, aadaa, mirga ofiin of-bulchuu fi fedhiiwwan birootiif carraa kan wal-qixa kan kennuudha.
Itoophiyaanonni hundinuu dhimma biyyoolessaa irratti hirmaannaa fi fayyadamummaa walqixa akka qabaatanis kan taasisu yemmuu ta'u, Itoophiyaan dafqaa fi dhiiga lammiilee hundaatiin kan ijaaramte, tattaaffii lammiilee hundaatiinis badhaadhinatti kan ceetu qe'ee hunda keenyaati jedhaatis ni amana.
Galmoota badhaadhina biyyaa dhugoomsuu fi sirna cimaa ta'es ijaaruuf biyyaalessummaa mirkaneessuun murteessaadha.
06/09/2024
Gaarii Yaadi
Guyyaa guyyaan waa'ee namoota akkuma yaadnu, hasoofnu akkasuma namni waa'ee keenyaa akkuma yaadufi haasa'u hundaa namni immoo jireenyaa isaa keessatti maal akka isaa qoru fi jiruu mo'uuf waan inni qabsaa'uuf hin beeknu.
Namni immoo guyyaa hanga guyyaatti rakkina isaa dhokfachuudhaan jireenyaa isaa dhibaa jira. Waan goonu, waan dubbannuu hundaaf of eeggannoo haa tasiifnu, gocha keenyaaf sababa haa qabannuu sababni isaas garummaan xiqqaan ykn hammeenyi xiqqaan nuti namatti agarsiifnu jireenyaa nama sana guutumaatti jijjiiruu danda'a.
Nuti dhala namaf furmaata ta'u qabna malee karaa badii ta'un hin barbaachisuu. Umriin keenyaa akkuma dabalaa deemun kana yaadacha, guyyaa guyyaan gaarummaa keenyaa cimsa haa deemnu.
04/09/2024
Tajaajila saffisaafi itti quufinsa qabu mirkaneessuuf tajaajilli uumatatti siquu qaba!