Murad abbas re

Murad abbas re

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Murad abbas re, Health/Beauty, Harargee biyyaa jalallaa, Akaki Beseka.

28/07/2026

Muraad Abbas

25/05/2026

✍ Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 101229 ta'e irratti "Dhaabbanni tokko/Dhaabbata Mootummaas ta'e abbaa aangootiin hayyamameefi/ gocha balaafamaa abbummaan adeemsisuun nama biraa irratti yeroo miidhaa geessisu;hojiin Dhaabbatichaa sadarkaa seerri eeguun kan guute yoo ta'ee fi balleessaan miidhamaa jiraachuu walaķkaanis ta'e guutummaan hanga hin hubachiifnetti,miidhaa dhaqqabeef itti gaafatamummaa kan qabu ta'uu" seera hariiroo hawaasaa keewwata 2069(1)(2) fi 2086(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.

23/05/2026

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Lakk.Ga.43453fi 14981 (Jildii 12) ta'e irratti: Ragaan ogeessaa ragaa amantaa guutuun irratti gatamu akka hin taane, ragoolee biroo waliin ilaalamuu akka qabuufi gahumsifi amansiisummaan isaa madaalamuu akka qabu murteesseera.

20/05/2026

Himannaan Tokko Sababa Himannaa (Cause of Action) Hin Qabu Jedhamee Ykn Sababa Aangootiin Kufaa Taasifamuun, Hanqina Himannichaa Sirreeffatanii Ykn Ulaagaa Guutamuu Qabu Guutanii Dhimmichuma Irratti Irra Deebiidhaan Himannaa Dhiyeessuu Irraa Nama Daangessaa?

€€€€✓✓€€€€✓✓✓✓€€€€€✓✓✓

Manni murtii, firiin dubbii himannaa barreeffamaa keessatti ibsame kan hin himachiisne ta'uu, akkasumas dhimmi himannicha keessatti ibsame aangoo mana murtichaatiin ala ta'uu isaa hubachuudhaan, himannaan dhiyaate fudhatama hin qabu jedhee murteessuun isaa himataan himannaa isaa fooyyeeffateefi sirreeffatee dhiyeessuu kan hin dhorkineefi himannichi fudhatama hin qabu jedhamuun isaa ykn haqamuun isaa, himataan himannaa isaa fooyyeffatee hanqina isaa sirreeffachuun guutuu taasisee dhimmichuma irratti irra deebiidhaan himannaa dhiyeessuu kan dhorku miti.
(Murtii dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF sdfs kwt 231(1), 232(2) bu'uureffachuun Galmee Lakk.208632 (Jildii 26ffaa) ta'e irratti kenne)

ፍርድ ቤት በክስ አቤቱታ ላይ የተገለፀው ነገር የማያስከስስ ሆኖ ሲያገኘው፣ አንዲሁም በክሱ ላይ የተገለፀው ጉዳይ ከፍርድ ቤቱ ሥልጣን ውጪ ሲሆን የቀረበለትን የክስ አቤቱታ ተቀባይነት የለውም ብሉ መወሰኑ ከሳሽ ክሱን አሻሽሎና አስተካክሎ እንዳያቀርብ የማይከለክልና ክሱ ተቀባይነት የለውም መባሉ ወይም መሰረዙ ከሳሽ ክሱን አሻሽሉ እና የጎደለውን አሟልቶ በዚያው ነገር እንደገና ክስ ከማቅረብ የሚያግደው አይደለም:: (የፍ/ብ/ሥ/ሥ/ህ/ቁ 231(1)፤ 232(2) እና 231)
(የሰ/መ/ቁ-208632, ቅጽ-26)
Desalegn B.

15/05/2026

Namni Meeshaa Hanqina Qabu Bitate Tokko Hanqini Akka Sirraa’uuf Himannaa Isaa Yeroo Hangamii Keessatti Dhiyeeffachuu Qaba?
================================================
Dh Ijbt MMWF glm Lkk 197008 (Jld 27) fi Seera Hariiroo Hawaasaa kwt 2297, 2298(1)
============================
Bitataan meeshaan bitate hanqina kan qabu yoo ta’e hanqinicha guyyaa gurgurataa beeksisee kaasee waggaa tokko keessatti hanqini akka sirraa’uuf himannaa isaa yoo dhiyeessuu hafe darbiinsa yeroon kan daangeffamu akka ta’e SHH kwt 2298(1) jalatti tumamee jira. Kunis meeshichi hanqina kan qabu ta’uu guyyaa gurgurataaf beeksise irraa kaasee yeroo waggaa tokkoo keessatti himachuu akka qabuu fi yeroon kun yoo darbe himannaan isaa turtii yeroon kufaa ta’uu akka danda’u kan agarsiisudha.
Haata’u malee gurgurataan meeshaan hanqina akka qabu yeroo gurgurutti ykn simachiisutti otuu beeku akka hanqina qabu dhoksuudhaan ykn kan hanqina hinqabne fakkeessuun bitatatti gurguruun ykn simachiisuun isaa ykn eeguma bitataan meeshichi hanqina qabaachuu beeksise boodas gochaa waliin dhahuu raawwachuun akka bitataan daangaa yeroo jedhame keessatti fala seeraa hnbarbaadanne kan godhe ta’uun yoo mirkanaa’e guyyaa hanqinicha gurgurataaf beeksisee kaasee waggaa tokko boodas hanqini akka sirraa’uuf himannaa dhiyeeffachuu akka danda’u seerichi kwt 2297 jalatti haala addaan ni eeyyama.
Bu’ura kanaan gochaan gurgurataan raawwate yakka waan ta’uuf gurgurataan gochaa yakkaa ofii isaa raawwateen fayyadamuun darbiinsa yeroo akka mormiitti kaasee ittigaafatamummaa jalaa akka hinbaane dhoorkuuf seerichi kan yaade akka ta’e Dhaddachi Ijibbaataa xiinxala isaa keessatti ibsee jira.
Kana jechuun garuu sababa gurgurataan gochaa yakkaa raawwateef himannaan bitataan hanqini meeshichaa akka sirraa’uuf dhiyeeffatu gonkumaa darbiinsa yeroon hindaangeffamu jechuu akka hintaane Dhaddachi Ijibbaataa kaasuun yaadachiisee jira.
Yeroo akkasii gochaan yakkaa gurgurataan hanqinicha dhoksuun ykn kan hinjirre fakkeessuun ykn waliindhahuun raa

15/05/2026

Iyyannoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWOtiif Dhiyaatu Keessatti Qabxiiwwan (Sababoonni) Komii Bifa Kamiin Ibsamuu (Tarreeffamuu) Qabuu?

====°°°°°======°°°°°°======°°°°°°°°
✅Qajeelfama Sirna Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Lakk.27/2018, miiltoo 1ffaa jalatti Unka iyyannoon dhaddacha Ijibbaataatti dhiyaatu guutuu qabu teechiseera.
✅Bu'uura kanaan, unki iyyanichaa kutaa gurguddaa afur kan qabu yemmuu ta'u, isaanis: Seensa, Ka'umsa Falmii Ijibbaataa, Qabxiilee (Sababoota) Komii Ijibbaataafi Seerummaa Iyyataan Ijibbaata irraa barbaadudha.
✅Kutaalee kana keessaa yeroo baay'ee kan rakkoon irratti mul'atu kutaa "Qabxiilee (Sababoota) Komii Ijibbaataa" jedhu irrattidha.
✅Kutaa kanaan walqabatee qajeelfamichi:
👉Dogoggora bu'uura seeraa raawwatame jedhame, tumaa
seeraa falmichaaf bu'uura ta'eefi
👉Labsii Lakk. 216/2011 keewwata 26(2 fi Dambii lakk.6/2011 kwt 8 (2fi 3) keessa isa kam akka ta'ee tartiibaan haala ifaafi gabaaba ta'een eeruu gaba.

👁️Haala kanaan, namni dhaddacha Ijibbaataatti iyyannoo dhiyeeffatu duuchumatti murtiin manneen murtii jalaa dogoggora bu'uuraa seeraa qaba jedha osoo hin taane dogoggoroota labsii lakk.216/2011 kwt 26(2) fi Dambii lakk.6/2011 kwt 8(2fi 3) jalatti tarreeffaman keessaa dogoggorri murtii mana murtii jalaa keessatti raawwatame isa kam akka ta'e ibsuuf dirqama qaba.

❓❓Gaaffiin asitti ka'uu danda'u, haala kanaan ifatti ibsamee dhiyaachaa ykn simatamaa jiraa? kan jedhudha. Qajeelfamni Sirna Dhaddacha Ijibbaataa MMWF, Lakk.17/2015s bifuma walfakkaatuun ibsee jira. Unkichi olitti dhoobameera. (👆👆👆)Isin akkam jettu?



desalegn b
@

09/05/2026

dhaddacha ijibbaataa jildii 24ffaa👇👇👇🤔💁
==============================

⚖️ Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 210020 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 08/03/2014 ooleen
✏️''Namni tokko fuula isaa irra booksiidhaan dhawamee ilkeen isaa muraasni isii sossootee garuu ilkeeleen socho'an kunneen hangi tokko jidduma galeessaan sosso'uu fi san keessaa takka akka malee sossoote deebitee fayyuufii akkasumaas sibiila ilkeetiin illee hidhamtee fayyuu akka hin dandeenyee fi dirqama buqqa'uu akka qabdu xalayaa yoo yaala yoo mirkaneesse himatamaan yakka miidhaa qaamaa cimaatiin seera yakkaa kew.555(B) jalatti itti gaafatamuu qaba jechuun murtee dirqisiisaa kennee jira.
Murtii kana murtii kanaan dura 24ffaa Lakk.Galmee 168166 ta'een "namni
tokko yakka miidhaa qaamaa cimaa geessiseera jedhamee himatame gochicha raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirre ta'uu ragaan kan mirkanaa'e yoo ta'e,itti yaadee miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta'es miidhaan kan geessise boksiidhaan,fi teestaan ta'uu fi miidhaa cimaa itti yaadee raawwachuu kan hin mirkanoofne yoo ta'e,seera yakkaa kew. 555 jalatti tumameen ala seera yakkaa keewwata 556(1) jalatti balleessaadha jedhamee adabamuu qaba,namni tokko itti yaadee miidhaa qaamaa cimaa qaqqabsiisuu Abbaan Alangaa ragaa isaatiin hubachiisuuf(mirkaneessuuf) dirqama qaba"jechuun seera yakkaa kew. 23(2),111,112,555 fi 556(1) wal qabsiisuun Murtii laatee tureen walbira qabnee yeroo ilaallu ilkeen yoo bu'e miidhaa qaamaa cimaadhaan akka himatamuu ibsaa jira.

MIRGA KEE BEEKI DIRQAMA KEE BAHI NAGAYA QABAADHUUN DHAAMSA KIYYA

"SANTU SEERA "

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Akaki Beseka?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Harargee Biyyaa Jalallaa
Akaki Beseka