Ciroo Digital Media
Kayoo Kee namatti hin himin dhugoomsii itti agarsiisi malee �
18/09/2026
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa; agarsiiftuu Birmadummaafi Ammayyummaa
****
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa erga hundeeffamee kaasee, nageenyaa fi birmadummaa biyya keenyaa eeguuf gahee olaanaa bahachaa tureera.
Yeroo ammaa kana immoo guddina teeknooloojii fi saayinsii waliin tarkaanfachuudhaan dandeettii fi beekumsa humna namaa isaa cimsaa jira.
Keessumaa, dameewwan akka Injinariingii aviyeeshinii, raadaarii fi elektirooniksii, nageenya saayibarii akkasumas teeknooloojii diroonii irratti ogeeyyii gahumsa qaban horachaa jira.
Akkaadaamiiwwanii fi giddugaleessonni leenjii Humna Qilleensaa, beekumsa barnootaa fi muuxannoo hojii walitti fiduun, ogeeyyii gahumsa qaban leenjisaa jiru.
Dabalataanis, xiyyaarota waraanaafi geejjibaa, sirna raadaarii fi teeknooloojii ittisa qilleensaa haaromsuun dandeettii ittisaa isaa cimsaa jira.
Humni Qilleensaa waraanaa fi eegumsa qilleensaa qofa irratti hin daangeffamne. Yeroo balaan uumamaa ykn nam-tolchee mudatutti, deeggarsa namoomaa irratti hirmaachuun geejjibaan tumsuu, hojii barbaachaa fi baraarsaa irratti qooda fudhachuun tajaajila uummataaf kennaa tureera.
Fuula durattis, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun, beekumsaa fi ogummaa isaa guddisuun, nageenyaa fi birmadummaa biyyaa eeguuf gahee isaa cimsee itti fufa.
18/09/2026
ቃላት አጣሁና እንድታበድሩኝ መጣሁ 😭
እስቲ ይሄንን ፎቶ ግለፁልኝ በምትችሁት ቋንቋ❗️
18/09/2026
Imala miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Itoophiyaa
++++++++++++
– Hojiin dippiloomaasiifi bu’aaleen Itoophiyaan yaa'ii ‘BRICS’ 18ffaarratti galmeessiste jijjiirama dippilomaasiifi dinagdee biyyattii dhugoomsuuf utubaawwan murteessoodha. Yaa’icharratti fakkeenaa ardii ta’uufi dhaga’amtummaa tarsiimawaashee mirkaneessiteetti.
Labsii Niiwu Deelhii(New Delhi Declaration) keeyyata 20 irratti biyyoonni miseensa ‘BRICS’ tattaaffii Itoophiyaan Dhaabbata Dadalaa Addunyaatti makamuuf taasiftu akka deeggaran beeksisaniiru.
Iyyanni Itoophiyaan Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti makamuuf dhiyeessite waggootaaf harkifatee ture; mootummaan Ida’amuu dhimmichaaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojiilee riifoormii hojjeteen miseensa dhaabbatichaa ta’uuf nidhiyeessiti.
Miseensummaan kun omishaalee Itoophiyaa cancala duudhaa naannawaa, ardiileefi idiaddunyaa waliin walitti hidha. Keessattuu fooyyessa sirna daldalaa addunyaarratti humna mariifi dhiibbaa ‘BRICS’ ni cimsa.
Hirmaannaa cimaa Itoophiyaan Zoonii Daldala Bilisaaa Ardii Afrikaa hundeeffamarraa kaastee taasisaa jirtu, miseensummaa Dhaabbata Daldala Addunyaa waliin oggaa qindaa’u, biyyoonni ‘BRICS’ gabaa Afrikaa karaa Itoophiyaa akka argatan balbala bana.
Gama faayinaansiifi daldalaatiin alattis, birmadummaa midhaan nyaataa mirkaneessuun.hammattoo waljijjiirraa midhaanii ‘BRICS’(BRICS Grain Exchange) irratti akka omishtuufi dhiyeessittuutti hirmaachuuf qophii ta’uu ibsee, albuuda, anniisaa haaromfamaa, bu’uuraalee dijitaalaafi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa walitti hidhamiinsa ardittiif fayyadamuun invastimantii kaappitaalaafi teknoloojii haaraa hawwachuuf haala mijataa uumteetti.
18/09/2026
«Aadaan keenya safuu, naamusaa, fi wal-kabajuudhaan kan ijaaramedha. Gadaa fi Seerri safuu aadaa keenya keessatti dhagaa bu'uuraati. Dhalootni har'aa aadaa isaa dhaalchisee eeguu qaba.»
😘🥰🥰
#𝐀𝐛𝐛𝐢𝐜𝐡𝐮𝐮
Abiy Ahmed Ali
Ciroo Digital Media
18/09/2026
Shime Hayyichaa Ilma Abbaa Gadaa!🌳🤍
Pirazidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimelis Abdisa Sabboonticha Hooggansa Qabatamaa Naannoo Oromiyaa Ijaaruun Itoophiyaa Utubaa Jiru!🌳🤌
👇👇👇👇👇👇
Abdisa
18/09/2026
Big shout out to my new rising fans! Guddisaa Olaanaa, Khalid Shakalo
18/09/2026
Gad of qabanii hojjechuu, hojiiin agarsiisuu, bu’aa isaas addunyaa irratti mul’isuun — kunoo firii hojii! 🌿
Itoophiyaaf qofa osoo hin taane, Afrikaa guutuuf carraa guddaa kan ta’e COP32 bara 2027tti Finfinneetti gaggeessuuf murtaa’eera. 🌱🇪🇹
Kun bu’aa hojii eegumsa naannoo, Biqiltuu Dhaabuu, Green Legacy fi misooma magariisaa irratti hojjetamaa tureeti. Hojii qabatamaan bu’aa fiduun, Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf carraa guddaa uuma.
COP32’n dameewwan turiizimii, geejjibaa, hoteelaa, daldalaa fi tajaajilaa keessatti carraa dinagdee bal’aa uumuu danda’a.
Gad of qabanii hojjechuu → bu’aa galmeessuu → addunyaatti mul’achuu! 🇪🇹🌍💚
Milkaa’ina hojii fi kaka’umsa kanaaf Muummicha Ministiraa Dr. Abiy Ahmed galateeffanna.
Itoophiyaan hojii isheetiin ni beekamti; carraa isheetiin gara fuulduraatti ni tarkaanfatti! 🇪🇹🌱
17/09/2026
Imalli badhaadhina Itoophiyaa qorumsaan qoraafame injifate darbeera !!
Kana booda humni kamiyyuu imala gara badhaadhinatti taasifamu danquu hin danda'uu !!
Humni kaayyoo guddaa biyyaalessaa badhaadhina Itoophiyaa danquu hin jiraatu; sababiin isaas kaayyicha kan uummata bal'aati.
Itoophiyaan biyya seenaa, aadaa fi eenyummaa jabaa qabdu waan taateef, diinni kamiyyuu misooma fi guddina ishee gufachiisuu hin danda’u.
Rakkoolee fi qormaata gara garaa yoo mudatan illee, uummanni Itoophiyaa tokkummaa, obsa fi hojii cimaadhaan gara fuulduraatti tarkaanfachuu itti fufa.
Misoomni biyya tokkoo fedhii fi tattaaffii uummata ishee irratti hundaa’a; kanaaf, diinoonni yaada gaarii fi hojii misoomaa Itoophiyaa dhaabuu hin danda’an.
Itoophiyaan qabeenya uumamaa fi humna namaa ishee sirnaan fayyadamuun, nagaa fi tokkummaa jabeessuun, biyya badhaate fi guddina itti fufiinsa qabu ijaaruu dandeessi.
Kanaaf, gufuuwwan kamiyyuu yoo jiraatan, Itoophiyaan abdii osoo hin kutin gara milkaa’inaatti imala ishee itti fufsiisti.
17/09/2026
Aadaa keenya, duudhaa keenya fi kabaja keenya!
Bokkuun, Gachaanaan fi Kallachiin mallattoo eenyummaa, tokkummaa, nagaa, kabajaa fi jabeenya uummata Oromoo ti. Mallattooleen kunneen seenaa fi duudhaa dhaloota irraa dhalootatti darbu calaqqisiisu.
Aadaa fi eenyummaa keenya eeguun, duudhaa keenya kabajuu fi dhaloota dhufuuf dabarsuun itti gaafatamummaa keenya hundaati.
Eenyummaa keenyaan ni boonna!
Aadaan keenya faaya, Oromummaan keenya boonaa! 🙌
🔥