Sultex Jemal

Sultex Jemal

Share

Hireen Qooda Rabbiiti
Carraaquun Dirqamakee
Bakka kamuu jiraadhu
Hin Dagatin Rabbii kee!!

08/08/2026

Bakka Dhiigani hin Fiigani!
jedhu mitiiree!!!
........loading inshahallah

08/08/2026

Qaawwaa barbaaduun ifa hin mulisu.

08/08/2026

HUNDA HIN HIMATANI DUGDA HIN DHUNGATANI !

Mammaaksa oromooti!

07/08/2026

Jiraachuu keetti baay'ee gammadi. Hamaas ta'u gaarii arguu kan dandeessu yoo jiraatte qofa. Ati hin jirtu taanaan hamaanis gaariinis sibira hin jiru. Haalli ulfaatus ulfaachuu baatullee jiraachuukee qofaaf gammadi!

05/08/2026

Jiruun TANUMA

04/08/2026

Be Your Self!

Of tahuun furmaata!

27/07/2026
27/07/2026

HAADHA KOO

Ati anaaf gootittidha
Goota onneen barbadaa
Jireenya moo'achuudhaf
Koometti baatte madaa.

Jilba keetin madooftee
Miila keetin luqqaatee
Hiriyaadhan na qixxeessuf
Waan kana hunda taatee.

Gadi jechuu filattee
Anaan ammoo ol qabdee,
Boqonnaa anaaf laachuuf
Ofii keetif dadhabdee.

Akka haadhaa naaf taate
Dabalataniis Abbaa,
Qooda kan Koo fudhattee
Naaf buutee baate tabbaa.

Arrabni Koos dubbatee
Qalamni Koos barreessee,
Olmaa kan Kee hin fixu
Hamman fedhe tarreessee.

Ati anaaf addaadhaa
Oolchituu bara beelaa,
Otoon SI hin qabaannee
Yoona bu'eera eelaa.

Garaatti kan na baatte,
Jiha sagal guutuu
Dugdatti kan na baatte
Haadha ishee ilmoof duutu

Osoo sitti hin xiqqaatin,
Argadhu yaada bahii
Osoo naaf jettee deemtu
Bakka fedha kee gahi !!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address

Boolee
Addis Ababa
01025