Jawar JM post
Jawar GenerationšŖā¤
āAkkam jirta . Mee kanaa qilleensa irra nuuf olchi. Motummaan barsiisootaaf lafa mana jireenyaa kenineera Kan jedhu Ani barsiisaa university wallagatti . Lafa fudhachuuf ergaa gurmoofnee qarshii barbachisuu hundaa ergaa kanfallee gara waggaa 6 ol dha. Dursa Kara cooperative bank oromiyaa Akka birri galchinuu nuti himanii . Waggaa lama dura immoo lafa fudhachuuf cooperative bank oromiyaa irraa baftanii baankii siinqeetti galchuu qabduu nuun jedhaanii. Isaas ergaa gonee waggaa lama olfixneera. Amma immoo isiin barsiisoonni university fedeeraala jala jirtuu waan ta'eef warra fedeeraala jala jiraniif qajeelfamnii naannoo oromiyaa irraa lafa fudhatuu barsiisoonni jedhuu hin jiruu nuun jechuun bulchinsii magaalaa naqamtee waggootaa hangaa kana birrii keenyaas dhabnee lafa keenyaas osoo hin fudhatiin teenya. Haa ta'uu malee qajeelfamni jiru barsiisaan naannoo jiraatuu lafa mana jireenya haa keennamuuf Kan jedhuu qofa Kan jiru. Haluummaa kanaan barsiisoonni university biraas Kan lafa fudhatan. Kan university wallagaa adda godhuufi bulchiinsa magaalaa naqamtee Addaa godhuu mee maltuu jira.Osoo birrii sanaan ittiin hojjeennee ykn magaalaa irraa siiqnee lafa bitnee yoonaa waan guddaa ta'aa turee. Mee qilleensa irraa nuuf olchii.ā
Copyright Jawar Mohammed
Kun samichaa qofa osso hin tane kisha ofi Gabisuf gara jabuma inni ummata ofi irratti raaw'atee agarsisa
09/02/2025
Adda bahan (gar-gar deeman!šš¢
Ustaaz . Mahammad Bayaan fi Booniyyee ye Shewa guyyaa arraa ifan adda bahuu nutti himaa jiran. sababnii jarri adda bahan ammatti ifatti beekkamuu baatus galgala kana Interview isiin Nasraa Gursum waliin gooteen āAni kanaan booda jaarsa kiyya jaarti biraan itti fuudha, ani nama isaa tahuu miti, anumaatu na hiiki jedhee gaafateenā jatti?
Maaf akkas goota Booniyyee? osoo sooma kana walitti isin fidnee waliin isin soomsisna jannuu moo? aarsaan jaalalaa kan hangana hin jedhamne Abbaan manaa kee siif kaffale hangana turee?
Dhugaa garaa na nyaate Mahammadš„¹ Boo beeymaganii sagaltu haadha duuba ciisaa akkuma atuu jatte kanaaf jattee hamileen sin cabin.šŖ bareedduu haalaf amala,diiniif duniyaas qabdu sitti fuuna. garuu yeroof bilbila kana ofirraa kaahii sammuu kee boqochiisii boqonna jireenya itti aanuuf of qopheessiš
04/02/2025
Dhimma Dirree Dhawaa
- Dhimmii Dirree Dhawaa fanjiiwwan sirni Wayyaanee Oromoofi saboota biroo jiddutti awwaalee biraa kute keessaa tokko taāuu yeroo heddu dubbachaa turre. Akkuma sirni sun kuteen fanjii san fashaleessuuf carraatu ture. Akkan biyyatti galeen Dirreen jeequmsa keessa waan turteef dhimmootan adda dureen irratti hojjadhe keessaa tokko ture. Marii Aaalimootafi Ugaazota waliin taasiserraahis hubannoo hedduu argachuu dandaheen ture. Dhimma kanarratti, kitaaba Hin Gaabbuu boqonnaa 8.3 keessatti yaaliwwwan taasisaa turre barreesseera.Dubbii Dirree Dhawaas taāee kanneen birootiif furmaata waaraa laachuuf fedhii hawaasa gama lamaatiin ture kan danqaa itti uume jaruma 'keenya'. Dhugaa dubbachuuf hoggansi gama Soomalee dubbii Dirree Dhawaas ta'ee kan Mooyyalee mariin furuudhaaf hayyamamoofi qophii turan.
- Dhimma silaa gaafa miirri hawaasaa furmaataaf qophii turee san danqaa itti taāan amma maaf ajandaa godhan? Murni aangorra jiru kun fanjii Wayyaaneen awwaalte san achuma tursiisanii gaafa barbaachisaa taāe fayyadamuuf kaayatan. Dhimma āseenaaā Dirree Dhawaa amma dubbii taateen durattis dubbii qoqqotaa turan. Fakkeenyaaf āgaafilee Oromoo marii biyyoolessaaf dhihaateā jedhame keessatti fanjiilee Wayyaaneen awwaalte kan akka Mooyyalee, Harariifi kkf hedduu balballoomsuu yaalanii turan, ummatatu jalaa qabuu dide malee. Akeekni fanjiillee kana tuttuqaniif immoo furmaata itti barbaaduuf miti. Akkuma warra isaan guddisee san madaa tuttuqanii Oromoofi saboota biraa walitti gaarreffachiisaa umrii dheerefachuudhaafi.
- Wanti namni yaadachuu qabu, Dirreen Dhawaa mootummaa naannoo of dandaāee isii bulchuu hin qabdu. Mootummaa Federaalaatiinn kallattiin bulti. Bulchiinsi magaalaa aangoo xinnaa tajaajila hawaasaa laachutti murtaaāe qaba. Magaalattiin galii ofii hin sassaabdu, federaalatu sassaaba. Imaammata diinaggeefi hawaasaas baasuu hin dandeessu. Kanaafuu kantiibaan magaalaa sanii, Dirree Dhawaa ādabarsee kennuu/ gurguruuā dhiisii baajata ishii irrattuu murteessuufi poolisii magaalattii ajajuufuu angoo hin qabu. Dirree Dhawaa āgurguruufā aangoo kan qabu mootummaa federaalaati. Kanaafuu dubbii Dirree Dhawaaf adda durummaan kan gaafatamuu qabu Abiy Ahmadi malee Shimallis Abdiisaas, Kadiir Jawaaris taāee Musxafaa Muhammad miti. Duulli kantiibicharratti godhamu akeekni isaa takkaahuu dubbii karaa maqsuuf yookin ammoo qaama walmorkii murnaa keessoo isaanii taāuu mala. ( Namni dubbii seenaa tana adda durummaan tuttuqee kaase ammoo ifattii hogganaa siyaasaa fakkaatus, qondaala damee basaasaa buulessa, kana bara Wayyaanees ummata Dirree Dhawaa walitti buusaa tureedha. Dameen basaasaa ammoo kantiibaa ykn bulchiinsa naannoon osoo hin taane Muummicha Ministeeraatin ajajama.)
- Gorsi ani ummata keenya gama lamaanitiifuu qabu, dhimmi Dirree Dhawaas taāee kan biroos haala amma jiruun furmaata waaraa argachuu kan hin dandeenye taāuu isaati. Murni angorra jiru akkuma wayyaneen leenjifatetti saboota walitti buusuuf malee furmaata waaraa fiduu hin feetu. Hawaasa Soomaleefi Oromoo walitti buusuuf wixxifataa akka jirtu argaa jirra. Atakaaroo Dirree Dhawaa kaasuun dabalta gama Baaleetiinis walitti buuftee jirti. Kanaafuu ummanni keenya murna badii tanaaf meeshaa ta'uun wal miidhuurra, ammaaf waliif obsuun gaafa tasgabbiin dubbiin furamuu dandeessu eeggachuutu wayya. Jawar Mohammed tin
30/06/2022
Dhugaa hadhooftuu
Badhaasa Kalessa irrati komiin ka'e Mal irrati kan jedhuu ifa kessattu badhaasa artist harawa jedhameen wal qabate waan heddu jedhama jira garu dhugaan jirru kinoti
Click here to claim your Sponsored Listing.